header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Dhaabbanni poolisii Addunyaa gaafii Indiyaan Dr Zaakir Nayik akka qabamuuf dhiheessite kuffise

Dhaabbanni Poolisii Addunyaa (Interpol) ibsa barreeffamaan baaseen akka jedhetti, gaafii Indiyaan Da’iin beekkamaan biyya isii Dr Zaakir Naayik akka qabamuuf dhiheessite kan kuffise tahuu beeksise.
Interpool ibsa isaa kanaa ragaalee Dr Zaakir Naayik ilaalchisee walitti qabe hunda kan haqe ta’uu ibsuudhaan, waajjiraalee dhaabbatichaa addunyaa irra jiran hundaafis ajaja walfakkaataa kan dabarse tahuu hime.
Interpole waraqaa ragaa Dr Zakir Naayikiif kenneen akka jedhetti, kanaan duraa gaaffii mootummaan Indiyaa dhiheesseen Ragaalee Dr Zaakir Naayik ilaallatu kan walitti qabe ta’uu ibsuun, Dr Zaakir Naayik gama isaatiin himannaan mootummaan Indiyaa isarratti dhiheesse dhara tahuu ibsuun ,Interpol dhimma isaa akka keessa deebi’ee ilaaluuf iyyate. Haaluma kanaa ragaa Dr Zaakir dhiheeffate yeroo dheeraaf eega ilaalee booda, himannaan Indiyaa kan seera dhaabbatichaa hin guutin waan ta’eef Ragaa Dr Zaakir Naayik ilaalchiise sassaabame hunda kan haqe tahuu ibse.
Kana booda Dr Zaakir Naayik Interpoolin kan hin barbaadamne tahuu ibsi interpol ku ni mul’isa.
Dr Zaakir Naayik murtii Interpol kana ilaalchisee ibsa kara viidiyootiin baaseen, murtiin kun kan isa gammachiise tahuu ibsuun, garuu ammas dhaabbiileen biyya isaatii fi mootummaan Indiyaa himanna sobaa isarratti dhiheesse kaasuun gara biyya isaatti akka deebi’u gaafate. Dr Zaakir Naaik “dhugaan yeroo dhihoo keessatti ifa ni baati anis gara biyya tiyyaa ni deebi’a INSHA ALLAH”jechuun yaada isaa ibse. 


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button