header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Jeneraal Sa’ara Mokonnin Hoogganaa Olaanaa Humna Waraanaa tahuun muudame

Muummichi Ministeeraa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimad, Hogganaa Olaanaa Humna Waraanaa Biyyoolessaa kan ture Jeneraal Saamoraa Yuunis kaasuun, Jeneraal Sa’ara Mokonnin kan Muude tahuu Itti gaafatamaan Waajjira Ministeera Muummee Obboo Fitsum Araggaa gama Twitterii isaatiin beeksise. Jeneraal Saamoraa Yuunis Meedaliyaa Ol’aanaa biyyooleessaa badhaafamuun Soorama bahee jira.

Obbo Geetaachoo Asaffaatis taayitaa irraa kan ka’e yoo tahu, Jeneraal Aadam Muhaammad Daarektara Muummee Tajaajila Nageenyaa fi Basaasa Biyyoolessaa (NISS) ta’uun muudame.

Gama biraatiin ammoo Muummichi ministeeraa Meejar Jeneraal AlamIsheet Dagifee fi Birgaader Jeneraal Asaaminawu Tsigee tiif Sadarkaa isaan irraa mulqamee ture deebisuudhaan, faayidaawwan guutuu waliin Soorama akka bahan kan murtaaye tahuu Itti gafatamaan waajjira muummicha ministeeraa ibse. Qondaaltonni waraanaa lamaan kanaan dura sadarkaan irraa mulqamuun hidhaa irra turanii dhiheenya kana kan bahan tahuun ni beekkama.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button