Korri walii galaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii walgahii Arba’aa kaleessaa geggeesseen ajjeechaa Isra’eel dhiheenya kana Gaazaa keessatti raawwatte balaaleffatuun wixinee dhihaate deeggarsa sagalaa 120tiin dabarse. Ameerikaa fi Isra’eel dabalatee biyyoonni saddeet wixineen seeraa kun akka hin dabarre mormanis kuffisuu hin dandeenye. Wixinee seeraa Kora waliigala UNtiif dhihaate kana Aljeeriyaan biyyoota Arabaa bakka bu’uun, akkasumas Turkiyaan ammoo dhaabbata biyyoota Islaamaa bakka bu’uudhaan gamtaan dhiheessan.
Wixinee seeraa kana irratti akka ibsametti, baatii lamaan dabran keessatti tarkaanfii humnaa Isra’eel Gaazaa keessatti Falasxiinota irratti fudhatteen yoo xiqqaate namoonni 120 ajjeefamaniiru. Dabalataanis Gaazaa fi Weestbaank keessatti Falasxiinotaaf ittisni akka godhamuuf wixineen seera kana irratti ibsamee jira.
Gama biraatiin ammoo ajjeechaa Gaazaa keessatti raawwatame kana gareen Hamaas itti gaafatamuu qaba jechuun gaafiin Ameerikaan kara kanaaf dhiheessite fudhatama hin arganne. Prezdaantiin Bulchiinsa Falasxiin Mahmuud Abbaas biyyoota wixinee seeraa kana deeggaran kan galatoomfate yoo tahu, “wixineen seeraa kun dabruun isaa dhugaa fi seerri addunyaa humnaan kan hin injifatamne tahuu mul’isa” jedhe.
Prezdaantiin Turkiyaa Rajab Xayyib Erdogaan gama isaatiin Ameerikaan haqa Falasxiinotaa faallaa dhaabbatus kora kana irratti salphattee jirti jedhe.
Rufaida Women's Foundation Guyyaa har’aa Waxabajjii 19-10-2014 (June 26, 2022) barattoota Sagantaa (Diploama in Islamic…
Sheikh Jamaal Muusaa Jiloo jedhaman. Sheikh Jamaal bara 1955 A.L.I Godina Harargee Lixaa Aanaa Doobbaatti…
Dorgommiin Qur’aanaa Idil addunyaa yeroo jalqabaatiif jimaata irraa jalqabee Itiyoophiyatti geggeeffamaa jiru, sagantaan cuffinsaa guyyaa…
Biyyi teenya Itiyoophiyaan waggaa sadi dura, saatalaayitii takka gargaarsa mootummaa Chaaynaatiin gara hawaa erguun isii…
Yeroo ammaa kanatti buna dhuguun baramaadha. Dhugaatii haalaan jaalatamus taheera. Namni hundi buna dhuguu baatus…
Lola Raashiyaa fi Yukreen jiddutti geggeeffamaa jiru dabalatee walitti gaarrifannaan Iraanii fi Ameerikaa jiddutti yeroo…