header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Bulchiinsi Traamp labsii ijoollee godaantotaa maatiin gargar baasu haqe

Donaald Traamp torbee dabre keessa Imaammata godaantotaa bulchiinsi isaa baase yemmuu ibsu, “Ameerikaan Kaampii godaantotaa hin taatu”jechuun akeekkachiise. Qajeelfamoota bulchiinsi hujii irra oolche jiddu, maatiin godaantotaa seeraan ala gara Ameerikaa seenan ijoollee isaaniitiin gargar baafamanii akka hidhaman kan ajaju ture. Traamp akka jedhetti rakkinni baqattoonni biyyoota Awurooppaa irraan gahaa jiran, Ameerikaa keessatti akka muudatu kan hin hayyamne tahuu akeekkachiise.

https://youtu.be/cd1w9NstCo8

Haaluma Kanaan  walkkaa Ji’a April /2018 hanag May/2018 yeroo jiru keessatti qofa, ijoolleen 2,000 ol tahan daangaa Ameerikaa fi Meeksikoo irratti maatii isaanii irraa gargar baafamanii jiru.

Imaamatni Bulchiinsa Traamp kan daa’imman maatiin gargar baasu kun guutuu addunyaa irraa balaaleffannaa cimaa kan hordofsiise yoo tahu, UN’tti hogganaan Komishiinii mirgoota namoomaa imaamatichi “rifachiisaa fi kan fudhatama hin qabne”jechuun balaaleffate. Haati warraa Traamps “daa’immaan dirqiin maatii irraa gargar bahan arguun nama gaddisiisa”jechuun imaammata bulchiinsa abbaa warraa isii qeeqxe.

Paartii Ripaablikaan dabalatee dhiibbaa keessaa fi alaan irratti godhameen Doonaald Traamp Arba’aa kaleessaa qajeelfama maatii addaan baasu kan haqe tahuu gabaasni arganne ni mul’isa. Traamp seera kana haquu isaa mallattoon eega beeksiseen booda akka jedhetti, “maatii baqattootaa daangaa Ameerikaa seenan addaan baasuun kan hafe tahus, ammallee taanaan godaantota seeraan alaatiif obsa hin qabnu”jedhe.

Border Patrol Agents Detain Migrants Near US-Mexico Border

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button