header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuSeenaa

Masjiid Al-Aqsaa kutaa 4ffaa

Qophii: Abu Ibtisaam  

Bara 1127tti, Imaaduddiin Zankii hoogganaa Moosul godhamee muudame. Imaaduddiin kaayyoo tokko qabatee lafaa ka’e. Waraana Masqalaa dachii muslimotaa keessaa qulqulleessee baasuudha kaayyoon isaa. Zankiin Abshaala Namaati. Tooftaa lolaatiifi  Siyaasaa irratti nama bilchaataadha. Kaayyoo isaa galmaan gahuuf Qajeela lafaa ka’ee waraana isaa gara Al Quds hin bobbaafne. Dhawaataan suuta deemuu qaba. Saniif ammoo waraana isaa jabeessuun dirqama. Kana booda Zankiin Naannoo isaa irraa jalqabee waraana muslimaa jabaa ijaaruun muslimoota tokko godhuu jalqabe. Waggaa tokko booda bara 1128titti Magaalaa Halab ykn Aleepoo harkatti  galfate. Magaalaa Halab too’achuun isaaf injifannoo guddaadha. Sababni isaa, magaalaan Halab akka wiirtuu daldalaatti tajaajilaa turte. Akkasumas waraanni Masqala Kaaba magaalaa Halab jiruufi, waraanni masqalaa Al Quds jiru, karaa Halab kanaan wal argu. Amma karaan kun addaan citee jira. Itti aansuudhaan Imaaduddiin Zaankii gara Magaalaa Dimashq imaluudhaan muslimoota tokkoomsuu yaade. Garuu akka inni barbaade hin taane. Hoogganaan Magaalaa Dimashq, Waraana Masqalaa waliin walii galtee mallatteessee jira. Waliin daldalla, waliin jiraanna, wal hin tuqnu jedhanii walii galan. Magaalaa Dimash waraanaan cabsanii seenuunis rakkisaadha. Kanaaf Imaaduddiin Magaalaa Dimashq karaa nagayaatiin toohachuu yaalus Hin danda’amne. Kanaafuu imalli isaa kan itti aanu, gara kutaa biyya Roohaa (Edessaa) tahe. Roohaan Kaabaa Magaalaa Halabitti kan argamtu yoo tahu, qubsuma waraanni Masqalaa jalqaba ijaarate keessaa isi tokko. Imaaduddiinis gamas imaluudhaan waraana masqalaa moohatee kutaa Roohaa toohate. Kunis injifannoo guddaadha. Roohaa qabachuun isaanii, deemsa gara magaalaa Al Quds godhamuuf karaa saaqe. Injifaannoon Imaaduddiin Zankiitiin argame hawaasa Muslimaa keessatti akka ajaa’ibaa haasawamuu jalqabe. Imaaduddiin akka goota Muslimaatti faarfamuu eegale. Namni hundi, tokkummaafi injifannoon guddaan yaadamus karaa isaatiin dhufuu akka danda’u shakkiin maletti haasawuu jalqabe. Amma muslimoonni akka durii san, waraana Masqalaa jalaa yeroon dheessan hafee jira. Yeroon Ta Muslimootaa taatee, Muslimoonni waraana masqalaa ari’uu eegalan.  Waraanni Masqalaa ammoo ofirraa ittisuutti seenee jira. Injifannoon Roohaa irratti Imaaduddiin Zankiitiin argame, hamilee muslimotaa ol kaase. Namuu fedhiin Jihaadaaf qabu dabalaa dhufe.

 

Woggoota Muraasa booda bara 1146tti mudannoon gaddisiisaan biraa hawaasa muslimaa mudate. Hoogganaa Jabaa Muslimotaa kan ture, Imaaduddiin Zankii Ataabik, gabrichuma isaatiin bakka ciisutti waraanamee ajjeefame. Isatti aanuudhaanis, ilmi isaa Nuuraddiin Aangoo qabate. Moohamuu waraana Masqalaa hordofee, Awurooppaa keessatti cinqaan hammaatee jira. Phaaphaasiin duraa paappaasii haarawaan jijjiiramee jira. Roohaan ykn Edeessaan harka isaaniitii bahuun heddu isaan rifachiise. Kanaafuu deemsi Muslimotaa gara Al Quds waan ta’eef, kana dura dhaabbachuuf waraana dabalataa erguun dirqama tahe. Inni kunis Waraana Masqalaa lammaffaa jedhamuudhaan beekkama. Waraanni kun mootolee biyyoota lamaatiin hoogganama. Isaaniis hoogganaa faransaa Luwiis 7ffaa fi Hoogganaa Jarman, Koonraa sadaffaadha. Waraanni kunis bara 1147tti gara Magaalaa Al Quds imala jalqabee, Waggaa tokko booda Magaalaa Al Quds dhaqqabe.

 

Bara 1148titti Waraanni Masqalaa kun, Kutaa biyya Roohaa dhiisee magaalaa Dimashq irratti waraana bane. Waraanni Masqalaa dabalataan dhufe kun kiristaanotaaf humna dabalataa ta’us, miidhaa malee faaydaa takkallee isaaniif hin buusne. Magaalaa Al Quds weeraruun isaanii dogongora ture. Sababni duraa: Magaalaan Dimashq waraana Masqalaa waliin walii galtee qabdi. Haa ta’u malee, mootonni Awurooppaa irraa dhufan, kana hunda dhiisanii magaalatti qabachuuf carraaquu eegalan. Muslimoonni Dimashq ammoo ni rifatan. Osoo nuti isaan waliin jirruu maaf waraana nurratti banan jedhanii of gaafatan. Akkuma amma dubbanne, Magaalaa Dimashq waraanaan qabachuun rakkisaadha. Dallayni  magaalatti marsee argamu ijaarsa jabaadha. Haala kanaan waraanni Masqalaa magaalattii seenuu dadhabee deebi’e. kun muslimotaaf injifannoo guddaadha. Sababni isaa, Magaalaan Dimashq, ta duraan Waraana Imaaduddiin Zankiitiif karaa banuu didde, amma ammoo ilma isaa Nuuraddiin Mahmuudiif karra bante. Dhaamsa itti erganii koottuu Magaalaa teenyallee qabadhu jedhanii isa kadhatan. Haala kanaan Magaalonni gurguddoon sada, Moosul, Halabii fi Dimashq, hooggansa tokko jala seenan.

 

Amma Ummanni Muslimaa tokkummaa argatee jira. Garuu lafa takkatu hafa. Isiinis dachii Misraati. Dachii Misra qabachuun, waraana Muslimaatiifis ta’e, waraana Masqalaatiif bu’aa guddaa qaba. Adeemsa gara Al Quds godhamu keessatti Muslimotaaf faaydaa guddaa qabdi. Warra Masqalaatiif ammoo waraana Muslimaa dura dhaabbachuuf Masriin qabachuun barbaachisaadha. Biyyi Misraa yeroo san garee Shi’aa Faaximiyyaatiin hoogganamaa turte. Hooggansi isiitis jabaa hin turre. Xumura irratti namoonni lama aangoo irratti wal dhabanii Aangoo kana argachuufis, gargaarsa alaa gaafachuu jalqaban. Inni tokko, gara Nuuraddiin deemee na gargaari jedhe. Tokko ammoo gara hoogganaa Waraana masqalaa, Almaarikitti imalee deeggarsa gaafate. Haala kanaan waraanni Muslimaatii fi waraanni Masqalaa gara Misraa imalan. Waraanni Muslimaa nama Asaduddiin Shirkuuh jedhamuun hoogganama. Isa waliin ammoo nama jabaa tokkotu jira. Maqaan dhaloota isaa Yuusuf jedhama. Garuu namni hedduun maqaa isa kanaan isa hin beeku. Maqaan inni ittiin beekkamu Salahadduun Al Ayyuubiiti.

 

Waraanni Asaduddiiniin hoogganamu, lola waggaa Shaniif godhameen, waraana Masqalaa irratti injifannoo guddaa goonfatee,  waraana  Masqalaa biyya Misraa keessaa ari’ee baase. Asaduddiin yeroo muraasaaf eega biyya Misraa bulchee booda, isatti aansuun Salahuddiin al Ayyuubii aangoo qabate. Salahuddiin yeroo sanitti umriin isaa dardara. Salahuddiin Al Ayyuubii namoota addunyaa tanarratti akkaan beekaman keessaa isa tokko. Maqaan isaa Muslimoota qofa biratti osoo hin taane, namoota muslimoota hin tahin birattis akkaan beekama. “Bilisoomsaa AL QUDS”maqaa jedhamuunis ni beekama. Yeroo Salahaddiin biyya Misraa bulchuu jalqabetti, waraanni Masqalaa dachii Muslimotaa irra waggoota 70 jiraatee jira. yeroon Waraanni Masqalaa Magaalaa Al Quds qabatee, dhiiga Muslimota kumaatamaa dhangalaase sun, Kiristaanota Awurooppaatiif injifannoo guddaa ture. Muslimotaaf ammoo, qoqqoodamiinsaa fi jibbansa isaan jidduu tureef adabbii ta’e. Muslimoonni Gareen wal qoqqoodanii wal irratti duuluu eegallaan, Rabbiin Waraana Masqalaa isaanitti ajajajee Gabrummaa hadhooytuu keeysatti isaan darbe. Walii galtee dhabuun halaakha guddaadha. Sababaa walii galtee dhabuu kanaaf, waraanni Masqalaa humna argatee dachii muslimootaa qabatee dhiiga muslimoota kumaatamaa dhangalaase. Lubbuu muslimoota hedduu galaafate. Seenaan Magaalaan Al Quds keeysa dabarte, Arras Barumsa guddaa nuuf tahuu qaba. Nutiis as keeysatti if laaluu qabna.

 

Qoqqoodamiinsa booda walii galteen muslimoota jiddutti argamnaan, Rabbiin hogganaa Jabaa Muslimootaaf godhe. Imaaduddiin Zankii Ataabik, Muslimoota tokkoomsee waraana Masqalaa irratti injifannoo goonfate. Haala kanaan Imaaduddiin Zankii Magaalaa diina harka  turte, Halabiifi Kutaa Roohaa Qabate.  ilmi isaa Nuuraddiin Mahmuudis Magaalaa Dimashqii fi Biyya Misraa qabatuu danda’e. Kun hundi bu’aa tokkummaati. Tokkummaan argamnaan Rabbiin Nasrii fide.

 

Amma tokkummaan Muslimaa cimee jira. Muslimoonni biyyoota gurguddo yeroo sanii toohatanii jiru. Wanti isaaniif hafe Magaalaa Al Qudsiiti. Biyya misraa keessatti wanti tokkummaa muslimootaatti gufuu guddaa tahe tokkos ni jira. Sunis, Faaximiyyoota Biyya misraa keeysa jiraniidha. Gaareen Faaximiyyootaa Aqiidaa Shi’aa kan hordofan yoo tahu, tokkummaa hawaasa muslimaatti rakkoo guddaa tahanii jiru. Kanaaf Salahuddiin Al Ayyuubii, garee kanarratti tarkaanfii irraa boodaa  fudhachuu eegale. Waggaa lama keessattis, Faaximiyyoonni seenaa qofa keessatti akka yaadataman godhee dhabama isaan godhe. Biyyi Misraatis,  qaama mootummaa Zankii kan Nuuraddiin Mahmuudiin hoogganamtuu taate. Amma kaayyoon muslimotaa gara tokkotti garagalee jira. Kaayyoon Muslimootaa guddaan,  Al Qudsiin waraana Masqalaa harkaa baasuudha. Lafti bifa Magariisa qabu kun harka Muslimotaa kan jiru yoo tahu, Magaalli ammoo harka waraana Masqalaa jira.

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button