header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Magaalaa Calanqootti waraanni Makkalaakayaa namoota 15 ajjeessuun gabaafame.

Godina Harargee bahaa magaalaa Calanqootti waraanni Makkalaakayaa ummata hiriira bahe irratti dhuukaasa banuun, namoota 15 kan ajjeesse tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.
Namoonni guyyaa har’a ajjeefaman:
1.Saliih Hasan
2.Haruun Hasan
3.Abdii Saaliih
4.Tofiiq Abdii
5.Mika’eel Abdoo
6.Abdallaah Isaa fi
7. Saanii Yuuyyaa manguddoo waggaa 70 fii, Namoonni birootis ajjeefamaniiru.
Akkasumas namoonni hedduunis midhaamanii gara Hospitala Dirree Dhawaatti geeffamuu gabaasni Biroo dhimmota Komunikeeshiinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra argame ni mul’isa.
Haluuma walfakkaatun magaalaa Laangey,Qullubbii fi Baabbilettis waraanni Makkalaakayaa nama ajjesuun beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button