header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Jilli Adda Tokkummaa Walabummaa Oromiyaa Finfinnee seene

Addi Tokkummaa Walabummaa Oromiyaa Jeneraal Kamaal Galchuutiin kan hoogganamu yoo tahu, Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad daw’annaaf gara Ugaandaa yeroo imaletti Jeneeraal Kamaal Galchuu waliin marii geggeessee ture. Marii san booda Addi Tokkommaa Walabummaa Oromiyaa ibsa torbaan dabre keessa baaseen, dhiheenyatti jila tokko gara biyyatti erguun kan mootummaa waliin marii jalqabu tahuu beeksisuun isaa ni yaadatama.

 

Haaluma kanaan Jilli dhaabbata Adda Tokkommaa Walabummaa Oromiyaa har’a waaree boodaa magaalaa Finfinnee seenee jira. Jilli  miseensota 9 qabu fi Obbo Tamaam Baatiitiin durfamu kun mootummaa Itoophiyaa waliin marii jalqabuudhaaf, akkasumas biyya keessatti galmaa’ee socho’uudhaaf gara biyyaatti deebi’uu isaa beeksise.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button