header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Gamtaan Biyyota Araabaa murtii Donaald Traamp balaaleffate

Labsii prezdaantii Ameerikaa kan Al-Qudsi/Jerusalem “magaalaa guddoo Isra’eeliiti”jedhu hordofuun, gamtaan biyyoota Arabaa walgahii ariifachiisa magaalaa Kaayiroo keessatti jalqabe. Baniinsa Walgahii ariifachiisaa kanaa irratti Barreessaan Gamtichaa labsii Traamp “murtii hamaa fi fudhatama hinqabne, akkanumas waldhabdee Falasxiinii fi Isra’eelitiif furmaata barbaadamaa jiru kan diige” jechuun ibse.

Walgahii guyyaa kaleessaa jalqabame kana irratti Ministeeronni haajaa Alaa biyyoota miseensa Gamtaa Araabaa 22 hirmaataa kan jiran tahuun beekameera. Barreessaan Gamticha Ahmad Abul-Geyit haasawa baniinsaa kanaan,”murtiin Ameerikaa seera idil-addunyaa kan cabsee fi kana booda biyyoonni Arabaa Ameerkaan nagaha buusuuf loogii malee hojjatti jennee hin fudhannu”jechuun dubbate.
Labsii Donaald Traamp Arba’aa dabree kana hoggantoonni biyyoota hedduu kan qeeqan yoo tahuu, dachii Falasxiin irratti nageenya buusuuf tattaaffi taasifamaa jiru kan miidhu akka ta’e ibsaa jiru.
Biyyoonni miseensa Mana marii nageenya mootummoota gamtoomanii walgahii ariifachiisaa Jum’aa dheengaddaa taa’aniin murtii Donaald Traamp cimsanii balaaleffataniiru. Haaluma walfakkaatuun guyyaa Arba’aa irraa jalqabee lammiilee Ameerikaa dabalatee lammiileen biyyoota hedduu murtii Traamp mormuun hiriira bahaniiru.

Odeeyfannoo walqabateen Itti aanaan prezdaantii Ameerikaa Maayik Peens torbee dhufu biyyoota Arabaa kan daaw’atu yoo tahu, Muftiin Yunvarsiittii Azharii fi hoogganaan Kooptikii Masrii Mr Peensi waliin wal arguuf karoora qabame irratti kan hin hirmaanne tahuu beeksisaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button