header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Jilli mootummaa Eertiraa Finfinnee seene

Jilli mootummaa Eertiraa qondaaltota ol’aanoo biyyattii of keessaa qabu guyyaa har’aa Finfinnee seenee jira. Prezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afaworqii torbee dabre guyyaa ayyaana Woreegamtootaa biyyattii ilaalchisee ergaa gama Televiziyoonaatiin dabarse keessatti, “hegeree biyyoota lamaanii irratti mootummaa Itoophiyaa waliin mari’atuuf dhiheenyatti Jila qondaaltotaa gara Finfinneetti ni ergine”jechuun beeksise.

Haaluma kanaan qondaaltota Eertiraa ol’aanoo  har’a Finfinnee seenan jidduu, Gorsaa ol’aanaa prezdaantii biyyattii fi itti gaafatamaa dhimmoo siyaasaa Mr Yamaane Gabra’ab, ministeeraa haajaa alaa Mr Usmaan Saalih fi Gamtaa Afrikaatti Ambasaadarri Eertiraa Ar’ayaa Dastaa keessatti argamu.

 

Mariin miilanaa kun waldhabdee biyyoota lamaan jidduu ture hiikuudhaaf kallattii bu’uuraa kaayuuf akka tahe mootummaan Itoophiyaa ibse.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button