Naannoo Benshaangul Gumuuz magaalaa Asoosaa keessatti dhalattoonni Saba Bartaa saboota biroo magaalattii keessa jiraatan irratti midhaa hamaa raawwataa jiraatuu odeeyfannoon argame ni ibsa. Haaluma kanaan hanga ammaatti namni tokko akka ajjeefamee fi namoonni heddu kan miidhaman tahuun beekame.
Jiraataan magaalaa Asoosaa akka nuuf himetti, sababaan jeequmsa kanaa dhalattoonni Oromoo magaalaa Toongoo keessa jiraatan, sabtii darbe deeggarsa muummicha ministeeraatiif hiriira nagahaa bahuu isaanii hordofuun, haleellaa waraanni naannichaa dhalattoota Oromoo irratti raawwateen kan walqabate tahuu dubbate. Guyyoota afran dabran keessa aanaalee naannichaa heddu keessatti haleellaan lammiilee Oromoo irratti xiyyeeffate kan geggeffamaa jiru tahuu fi haalli amma magaalaa Asoosaa keessa jiru kan hammaate tahuu nuuf hime.
Jiraatan kun akka jedhutti, gochi yeroo ammaa magaalaa Asoosaa keessaatti raawwatamaa jiru dhalattoota Oromoo qofa irratti osoo hin taane dhalattoota naannoo biroo irra dhufan hunda irratti kan xiyyeefate tahuu hime. Haalli magaalattii keessa jiru hammaachuu irraa kan ka’e gad bahanii dukkaanaa waa bitachuun kan hin danda’amne tahuu nuuf ibse.
Rabbin faarsuun jalqabna. Isa faarsina, isa gargaarsifanna, araarama isa kadhanna. Badii teenyarraa isatti maganfanna. Akkasumas…
Barruu Mata duree Dhahannaa Onnee jettu dubbistanii jirtuu? yoo dubbisuu baattan LINK kana tuqaa dubbisaa.…
Diizaayinarri khawnii hundaa Rabbii guddaadha. Isaatu uumamaalee hunda akka isaaniif malutti uume. Qocaa dhakka ba’achiisee…