header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Balaan Ibiddaa Naayiroobii keessatti ka’e yoo xiqqaate lubbuu namoota 15 galaafate

Balaan lubbuu namaatii fi qabeenya guddaa barbadeesse kun halkan edaa Keeniyaa magaalaa Naayiroobii iddoo gabaa Gikombaa jedhamutti muudate. Namoota lubbuun isaanii dabreen alattis namoonni 70 ol kan miidhaman tahuu gabaasni arganne ni ibsa. Poolisiin magaalaa Naayiroobii akka jedhetti,  Ibiddi  saa’atii muraasa keessatti too’annaa jala kan oolfame tahus, manneen kuusaa gubatan jalattatti namoota awwaalaman barbaachi itti fufee jira.

 

Gikombaan Iddoo gabaayaa guddaa uffatni fi meeshaaleen tajaajila kennan (Salbaajiin)itti gurguramu yoo tahuu, kanaan duras yeroo heddu balaan ibiddaa irra gahee jira.

https://youtu.be/rcFeW3F8isg

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button