header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Barattoonni Yuunivarsitii Bulee Horaa waraanni mootummaa nu dararaa jira jedhu.

Barattoonni Yuunivarsitii Bulee Horaa weerara waraanni Liyyuu Poolisii naannoo Soomalee daangaa Oromiyaa cehuun raawwata jiru fi qajeelfama ministeerri barnootaa “barattoonni Yuunivarsitii Irraa eebbifamuun dura qormaata addaa fudhatu qabu” jechuun basae mormuun yeroo dheeraaf barnoota kan addaan kutanii turan tahuu dubbatu.

 

Guyyaa dheengadda December 5/2017 immoo Waraanni mootummaa dormii irra deemuun, barattoonni dirqiin akka gara kutaa barnoota deeman kan godhaa ture tahuu, barataa Yuunivarsitiichaa duubisne irraa hubatun danda’ameera.

 

Baratan kun akka nuuf himetti “Barnoonni eega jalqabee amma ji’a 3 hanga 4 gahee jira, haata’uu malee hanga ammaatti kutaa seennee kan baranne torbee tokko qofa; torbee darbe keessa immoo gaafii mirgaa barattoonni kaasaniin barnoonni addaan citee jira; gaaffiin mirgaa barattoonni kaasan kun immoo weerara Liyyuu Poolisiin mootummaa Naannoo Soomalee dangaa Oromiyaa cehuun raawwataa jiru, qormaata COC fi rakkoo Bulchiinsa Yuunivarsitii irratti xiyyeeffatan gaaffachuun barnoota dhaabne” jedha.

 

Guyyaa wixataa immoo poolisoonni naannoo Oromiyaa fi waraanni federaalaa tarkaanfii humnaa akka  fudhatanii fi guyyaa dheengaddaatis doormii barattootaa irra deemuun dirqiisiisaa akka gara kutaa barnoota deeman godhaa jiraatus barataan kun nuf himeera.

 

Haluuma walfakkaatun Barattooni Yuunivarsitii Mattuu, Haramayaaa fi Jimmaatis barnoota lakkisaanii gara iddoo jireenya isaaniitti kan galaa jiraan tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button