header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Lakkoofsi lammiilee Suuriyaa  torbaan lamaan dabran keessaa magaalaa Dar’aa gad lakkisanii baqatan 200,000 gahe

Lammiileen Suuriyaa kunniin haleellaa waraanni mootummaa magaalaa Dar’aa keessatti geggeessaa jiru hordofuun magaalattii gad lakkisanii kan baqatan tahuu, gareen “Syrian Network for Human Rights”jedhamu Alhada hardhaa beeksise. Baqattoonni kunniin daangaa Urduunii fi Isra’eel irratti haala hamaa keessa kan jiran tahuu gareen kun ibse.

 

Mootummaan Urduun dhaabbiilee UN waliin tahuun baqattoota kanneen gargaaruuf qophii tahuu isaa Khamiisa dheengaddaa beeksisee ture. Haata’u malee hanga guyyaa har’aatti baqattoota kanaaf daangaa isaa kan hin banin tahuun beekameera.

 

Waggaa dabre Kazaakistaan, Astaanaa keessatti magaalaan Dar’aa “naannoo lolli keessatti hin geggeeffamne”akaa taatu jaarsummaa mootummaa Bashaarii fi finciltoota jiddutti geggeefameen murtaayee ture. Haata’u malee waraanni Bashaar al-Asaad michoota isaa waliin tahuun torbaan lama dura lafoo fi qilleensa irraan magaalaa Dar’aa keessatti haleellaa kan jalqabe tahuu gabaasni arganne ni mul’isa. Haleellaa loltoota Bashaarii fi xiyyaaronni Ruusiyaa Dar’aa keessatti raawwataa jiraniin, torbaan lamaan dabran keessatti qofa Daa’imman 65 fi haawwalii 43 dabalatee namoonni 214 kan ajjeefaman tahuu gabaasni arganne ni addeessa.

 

 

.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button