header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Aanaa Haramaayaa keessatti balaan elektirikaa lubbuu namoota 15 galaafate

Balaan kun kan uumame kaleessa galgala godina Harargee Bahaa aanaa Haramaayaa keessatti yoo tahu, sararri elektirikii Addallee irraa gara Gurawwaa diriirfame  ganda Qorkee jedhamu keessatti kufuun tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

Namoonni 9 akkuma baalaan kun uumameen battalumatti lubbuun isaanii kan dabre akka tahee fi namoonni 6 ammoo yaalaaf hospital eega gahanii booda kan du’an tahuu, Itti gaafatamaan koominikeeshinii Komishinii Poolisii Godina Harargee Bahaa Komaandar Siyyuum Daggafaa  FBCtti hime.

Namoonni balaa elektirikaa kanaan miidhaman heddu ammas Dirree Dhawaa fi Haramaayaatti yaalamaa jiran.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button