header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Birgaader Jeneraal Kaamaal Galchuu har’a Finfinnee seene

Hoogganaan Adda Tokkumma Walabummaa Oromoo Birgaader Jeneraal Kamaal Galchuu fi qondaaltonni Addichaa heddu har’a waaree boodaa buufata Xiyyaara Boolee yeroo gahanitti ummanni heddu simannaa hoo’aa godheefii jira.

Birgaader Jeneraal Kamaal Galchuu hoogganaa raayyaa Ittisa biyyaa kan ture yoo tahu, cunqursaa mootummaan Itoophiyaa ummata Oromoo irratti raawwataa ture mormuun bara 2006 Koloneel Abbabaa Garasuu waliin tahuun loltoota dhibba hedduutti lakkaahaman qabatanii gara Eertiraa cehuun Adda Bilisummaa Oromootti makamuun isaanii ni yaadatama. Haata’u malee waldhabdee hooggansa ABO keessatti uumameen dhaabbata  Adda Tokkumma Walabummaa Oromoo hundeessuun hoogganaa jira.

Baatii tokko dura muummichi ministeeraa Ugaandaa yeroo dhaqetti Birgaader Jeneraal Kamaal Galchuu waliin marii geggeessaniin gara biyyatti galuudhaaf kan murteesse tahuu gabaasuun keenna ni yaadatama.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button