header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ulamaa’onni Godina Addaa Kamisee aanaa Jillee Dhummuggaa Murtii Ulamaa’onni Harargee Bahaa dabarsan kan deeggaran tahuu ibsan.

Ulamaa’onni kunniin guyyaa kaleessaa magaalaa Sanbateetti walgahuun kan mari’atan yoo tahu, murtii Ulamaa’onni Harargee Bahaa dhiheenya kana hooggantoota majliisa seeraan alaa ilaalchisee dabarsaan kan deeggaran tahuu ibsan.

Ulamaa’onni kunniin jijjiirama Siyaasaa yeroo ammaa biyyatti keessatti muldhataa jiru kan deeggaran tahuu ibsuun, Majliisonni seeraan alaa hundi aangoo gad lakkisuun , ummanni nama naaf taha jedhe akka filatu  jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

 

Ulamaa’ota marii kana irratti qooda fudhatan jidduu

 

1.Sheikh Hasan Bichuu

2.Sheikh Ahmad Aliyyii

3.Sheikh Alii Muusaa

4.Sheikh Ahmad Jaaddee

5.Sheikh Aadamee Ahmad.

6.Sheikh Mukhtaar Sheikh Xaahaa fi

7.Sheikh Umar Sheikh Awwal kan argaman tahuun beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button