header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muummichi Ministeeraa Hogannaa ABO Shanee Obbo Dawud Ibsaa waliin mari’aate

Muummichi Ministeeraa Dr Abiy Ahmad Daaw’annaa hojiitiif gara Eertiraa imaluun mootummaa Eertiraa waliin eega mari’ateen booda, hoogganaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO- Shanee) waliin mari’atee jira. Dr Abiy Ahmad fi Obbo Daawud Ibsaa haala gareen kun gara biyyaatti deebi’u fi dhimmoota biro irrattis kan mari’aatan tahuu dubbi himaa Addichaa kan tahe Obbo Toleeraa Adabaa BBC’f hime.

Obbo Toleeraan BBC’f akka himetti
Qamoonni lamaan yeroo gabaabaa keessatti ammas biyya alaatti marii Isaanii kan itti fufan tahuu, mariin kun yoomii fi eessaatti akka tahe garuu kan hin ibsin tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

Marii amma godhan irratti kan walii galanii fi fulduraaf immoo qabxiiwwan adda addaa irratti kan mari’aatan tahuus beekameera.

Dhiheenya kana Parlaamaan Itoophiyaa labsii Shororkeesummaa Adda Bilisumaa Oromoo ABO dabalatee Ginboot Sabaatii fi Adda Bilisumaa Biyyoolessa Ogaadeen irrratti Mootummaan Itiyoophiyaa dabarsee ture kaasuun ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button