header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Taayilaand duula Ijoollee Holqa keessatti danqaman baraaruu milkiin xumuruu beeksise

Gareen Kubbaa miilaa ijoollee 12 fi leenjisaan isaanii hamate, holqa Taayilaand keessatti guyyoota 17 dura danqamuun isaanii ni yaadatama. Gareen kun eega dhabamee guyyoota sagal booda lubbuun jiraachuun isaanii beekame. Kanuma hordofuun gareen ogeeyyota idil-addunyaa waraana Taayilaand waliin tahuudhaan ijoollee kana baraaruuf qophii godhaa turan.

 

Haaluma kanaan duula ijoollee kanniin baraaruu kaleessaa jalqabameen ijoolleen 8 guyyaa kaleessaa kan baafaman yoo tahu, ijoolleen afran hafanii fi leenjisaan isaanii guyyaa hardhaa kan baraaraman tahuu mootummaan biyyattii beeksise.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button