OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii lammiilee buqqa’aniif deeggarsa Doolaara miiliyoona 15 kennuu beeksise
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Itoophiyatti Ejensiin Fandii Deeggarsaa lammiilee sababa walitti bu’iinsaatiin qeyee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’aniif deeggarsa Doolaara miiliyoona 15 kennuu beeksise.
Deeggarsi maallaqaa kun lammiilee 36,000 oliif nyaata madaalawaa fi ariifachiisaa, lammiilee 600,000f dhiyeessii bishaanii, namoota 71,200f deeggarsa meeshaalee fi akkasumas lammiilee 175,000 ammoo deeggarsa fayyaatiif kan oolu tahuun beekameera.