header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Liibiyaan baqattoota biyya isii keessatti dararamaa jiran hatattaamaan baraaruuf waadaa galte

Liibiyaan baqattoota biyyoota Afrikaa biroo kanneen mana hidhaa biyya isii keessatti dararamaa jiran baraaruu fi akkasumas gara biyya isaanii akka deebi’an sochii godhamu hundaa kan deeggartu akka ta’e ibsite. Liibiyaan walii galtee kana kan raawwatte walgahii hooggantoota Afriikaa fi Awurooppaa kan Kootdivuwaar magaalaa Abijaan keessatti geggeeffame irratti  akka ta’e gabaasni Aljaziiraa ni mul’isa.

Torbaan dabre keessa baqattoonni lammiilee Afrikaa  tahan Liibiyaa keessatti gabrummaaf yeroo gurguraman gabaasni televiziyooni CNN eega mul’isee booda, addunyaa guutuu irratti dallansuu hamaa kan uume yoo tahu, biyyoota Awurooppaa hedduu keessatti dararaa lammilee Afriikaa kanneen irra gayu balaaleffatuudhaan hiirii heddun geggefameera.

Lammiileen Afrikaa sababa adda addaatiin biyya isaanii irraa gara Awurooppaatti baqachuudhaaf yemmuu Liibiyaa keessa qaxxaamuruuf yaalanitti , hidhattootaa fi gareewwan daldala ilma namaa irratti bobba’aniin akka qabamanii fi dararaan adda addaa kan isaan irra gayaa ture tahuu yeroo dheeraaf kan gabaafamaa ture tahuu gabaasni kun ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button