header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Godina Harargee Bahaa Aanaa Gursuumitti Waraanni Liyyuu Poolisii Haleellaa raawwate

Haleellaa Waraanni Liyyuu Poolisii Araaddaa Kaasaa Oromiyaa jedhamu  keessatti  guyyaa kaleessaa raawwate kanaan, Bulchaa gandaa dabalatee namootni lama  akka madaayanii fi namoonni 6 immoo ajjeefamuu maddeen naannawa irraa nuuf gabaasan.

Akka namni naannawa san irraa bilbilaan dubbisne nuuf himetti, haleella waraana Liyyuu Poolisii naannoo somaalee kana qolachuuf poolisoonni Oromiyaa tarkaanfii fudhataniin, waraana Liyyuu Poolisii irraa loltoonni 6 kan ajjeefaman akka tahee fi Poolisii Oromiyaa irraallee namni jaha kan ajjeefaman tahuu nuuf hime.

Liyyuu Poolisiin naannoo somaalee yeroo ammaa kana jiraattota aanichaa keessaa, namoota ummata biratti fudhatama qaban ajjeessuudhaaf xiyyeeffatanii socho’aa kan jiran tahuu gabaasni naannawa irraa arganne ni ibsa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button