header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Paarlaamaan Isra’eel wixinee seeraa “Isra’eel biyya Yahuudotaa”jedhu raggaasise

Wixineen seeraa paarlaamaan biyyattii Khamiisa har’aa raggaasise kun  “Isra’eel dachii ummata Yahuudotati”kan  jedhu yoo tahu, Falasxiinota lammiilee biyyatti miiliyoona lama ol tahan daranuu kan cunqursu tahuu gabaasni arganne ni ibsa. Wixineen jibbiinsa Falasxiinotaa kun sagalee 62 kan ragga’e yoo tahu, miseensonni paarlaamaa biyyattii 55 ammoo mormanii jiru.

 

Wixineen seeraa kun Afaan Arabaa sadarkaa afaan biyyoolessaa irraa kan haqe yoo tahu, afaan hujii biyyoolessaa Isra’eel Hibruu qofa tahuu labse. Haata’u malee Afaan Arabaatis sadarkaa gad’aanaa taheen dhaabbilee mootummaa keessatti hujii irra kan oolu tahuun labsameera.

 

Muummichi ministeera Isra’eel Benyaamiin Netaaniyaahuu murtii paarlaamaa kana “seenaa Tsiyoonotaa fi biyya Isra’eel keessatti ejjannoo murteessaa tahe”jechuun faarse. Haat’u malee Falasxiinonni miseensa paarlaamaa Isra’eel ammoo murtii kana hadheefatanii kan morman tahuun beekameera. Falasxiinota miseensa paarlaamaa Isra’eel jidduu Ahmad Tabii miidiyaaleef yaada kenneen “Dimokrasiin Isra’eel keessatti har’a du’uu isaa miira gaddaa fi dallansuutiin isin beeksisa”jedhe.

 

Murtii paarlaamaa Isra’eel kana hordofuun,  “mootummaan Isra’eel maqaa seeraatiin jibbiinsaa Falasxiinotaa fi Cunqursaa aadaa fi amantiiwwan biroo hunda irratti raawwataa jira”jechuun  gareewwan mirga namoomaa fi biyyoota addunyaa guutuu irraa balaaleffannaa hordofsiisaa jira.

 

Dachii  Isra’eel bara 1948 irraa jalqabee humnaan weerarte keessa lakkofsi Falasxiinota jiraatanii lammiilee Isra’eel miiliyoona 8 keessaa dhibbeentaa diigdama qofatti gad hir’atee jira.

 

 

 

 

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button