Koreen Dhimma Hawaasa Muslimaa irratti Qorannoo akka geggeessu hundeeffame ibsa Gaazexeessotaaf kenne
Koreen miseensota 9 qabu kun dhimma hawaasa muslimaa irratti qorannoo geggeessuun rakkoolee hawaasichaatiif yaada furmaataa akka qopheessuuf muummicha ministeeraatiin kan hundeeffame yoo tahu, guyyaa hundeeffame irraa kaasee maal irra akka jiruu fi maal hojjatuuf akka karoorfate guyyaa hardhaa ibsa Gaazexeessotaaf kenne jira.
Ibsa kana irratti koreen haarofni kun hooggantoota Majliisaa tahe koree furmata barbaadduu hawaasa muslimaatis kan bakka hin buune tahuun ibsameera . Hujiin ijoo koree kanaa , Caasaan Majliisaa cimaa tahe ganda irraa ka’ee hanga federaalaatti haala kamiin akka ijaaramuu qabuu fi muslimoota hunda hammatee tajaajila barbaachisu kennuu kan danda’u akka tahu qorannoo bal’aa fi saayinsaawa tahe geggeessuu irratti kan xiyyeefatu tahuun ibsameera..
Dhimma Baasii sirna Hajjii bara kanaa ilaalchisee qarshii 5000 kan gad buuse daandii Xiyyaara Itoophiyaa akka tahee fi koreen kun ammas dhimma kana irrattis Xiyyeeffannaa kennuun kan hojjatu tahuus beekameera.