header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Waraanni mootummaa Dambii Doolloo keessatti  Dubartii ulfaa ajjeesse

Halkan edaa namoonni jaha dubartii ulfaa ciniinsuu irra turte qabatanii Bajaajiidhaan gara hospitaalaa imalaa osoo jiran, humnoonni mootummaa dhukaasa bananiin dubartii ulfaa Aadde Birhaane Maammoo jedhamtu kan ajjeesan tahuun beekameera. Namoota jahan dubartii tana waliin turan keessaa afur ammoo madaa’uu isaanii itti gaafatamaan hospitaala Dambi Doolloo Obbo Kamaal Hirkoo BBCtti hime.

 

Itti aanaan hoogganaa bulchiinsaa fi nageenya godina Qeellam Wallaggaa Obbo Tsaggaayee Waaqjira ajjeechaan kun eda halakan nannawa sa’aatii 5:30 irratti kan raawwatame tahuu mirkaneesse. Obbo Tsaggaayeen akka jedhetti, eenyummaan  humnoota ajjechaa kana raawwatanii kan qoratamaa jiru akka tahee fi hawaasni naannichaa garuu Poolisii kora bittinneessaa Oromiyaatu ajjechaa kana raawwate kan jedhan tahuu ibse.

 

Ummanni magaalaa Dambii Doolloo har’a ajjeechaa kana ballaaleffatuun hiriira mormii geggeesee jira. Yeroo dhihoo asitti haallee nageenyaa Godina Qeellam Wallaggaa  hammaataa kan dhufe yoo tahu, Makkalaakayaa fi Poolisii Federaalaa dabalatee humnoonni mootummaa naannicha keessatti baay’innaan kan qubatan tahuun beekameera.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button