header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Ulamaa’onnii fii Ustaazonni keenya Nagaya Jiran.


Update

Galgala Keeysaa sa’aa 4:20 Akka Saa’aa Itiyoophiyaatti (10:20PM)

Jila Ulama’ootan durfamu kan gara Kaampii Hammarreessaatti imalaa ture irratti waraanni Makkalaakayaa dhukaasa banuun Isiiniif gabaasne ture. Ulama’oonni fi keessumoonni kun hangi tokko magaalaa Hararii seenaniii  jiru, kan hafaniis nagayaan gara Dirreedhawaatti deebi’uu maddeen nuf gabaasaaniiru.


Jila Ulamaa’otaan durfamu kan gara Kaampii Hammarreessaatti imalaa ture irratti waraanni Mootummaa dhukaasa banuun, keessumoonni hangi tokko seenaniii hangi tokko immoo gara Dirreedhawaatti deebi’uu isaanii maddeen naannawa irraa nuf gabaasan.
Nutis dubbii tana mirkaneeyfachuuf gama Dirree Dhawaatti bilbillee gaafannee jirra. Namni nuti bilbilaan dubbisne akka nuuf himetti, Keessummoota dhufan keeysaa Ustaaz Kaamil Shamsuu fi Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa gama Dirree Dhawaa kan deebi’an yoo ta’u, Namoonni Doktor Jeeylaan waliin turan ammoo dursanii wan deemaniif  gara magaalaa Harar seenanii jiru. Dhukaasa baname kanaan Midhaan gahe tokkolleen kan hin jire tahuu odeeyfannoon argann ni addeessa.
Bilbila Ustaaz Raayyaa fii Ustaaz Kaamil Shamsuu irratti bilbiluufis hedduu yaalii goonee jirra. Garuu sababaa rakkina networkii argachuu hin dandeenye. In shaa ALLAH waan jiru hunda hordofnee isinii dhiheeysina. 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button