header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Jeequmsa Ahbaashonni Masjiida Shawaa Barri keessatti kaasaniin namoonni 11 miidhaman

Masjiida Shawaa Barri kan naannoo Amaaraa magaalaa Deeseetti argamutti kaleessa galgala namoonni amantaa Ahbaash hordofuun waggoota 7 darban hawaasa muslimaa jeeqaa fi maqaa xureessaa turan, namoota masjiida keessatti qaraatii Qaur’aanaa irra turan irratti haleellaa raawwatuu Odeeyfannoon argame ni mul’isa.

Warri Ahbaash kun ALLAAHU AKBAR jechaa masjiida seenuu fi sibiila qara qabu kan akka cuubee fi dhagaa kan qabatan tahuu fi namoota 11 irratti miidhaa hamaa dhaqqabsiisuun beekameera.
Daayreektara Medikaala hospitaala Riferaal magaalaa Dasee kan tahe Dr Mangistuu, namni tokko haalaan midhaamuu fi namoonni hafan midhaan salphaan kan irra gahe tahuu BBC’f hime.

Ahbaashonni gocha kana raawwatan 56 oli too’annaa poolisaa jala kan jiranii fi kan qorannoon irratti geggeeffamuu jiru tahuus odeeffannoon ni addeessa.

Masjiida Shawaa Barri kanatti waggoota torban darban warri Ahabaash kun akka hawaasni muslimaa itti hin salaannee fi dhiibbaa adda addaa qaamoota mootummaa waliin tahuun raawwata turuun ni yaadatama.
Guyyaa hardhaa immoo qaamonni mootummaa masjiidatti argamuun kan hawaasa muslimaa waliin mari’ataa oolan tahuus odeeffannoon argame ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button