header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Dr Abiy Ahmad itti aanaa preezdaantii Ameerikaa fi hooggantoota dhaabbiilee idil-Addunyaa waliin mari’ate

Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad Ameerikaa keessatti marii hawaasa Itoophiyaa waliin geggeessaa jiruun cinatti, qondaaltota Ameerikaa fi hooggantoota dhaabbiilee adda addaa waliin marii geggeessaa jira. Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa itti aanaa prezdaantii Ameerikaa Maayik Peens waliin Waayit Haawusitti mari’ate.

Maayik Peens hooggansi muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad jijjiirrama Itoophiyaatti fidaa jiru, keessumaahuu dhimmoota akka mirga namoomaa eeguu, dadammaqiinsa diinagdee fi Itoophiyaa fi Eertiraa jiddutti nagaya buusuuf tarkaanfii muummichi ministeerraa Dr Abiy fudhate kan dinqisiifate ibse. Marii kana irratti Maayik Peens Ameerikaan deeggarsa misoomaa Itoophiyaaf kennitu cimsite itti fufti jedhe.

Haaluma walfaakkaatuun Muummichi Ministeeraa Dr Abiy Ahmad Prezdaantii Baankii Addunyaa Mr Jim Yong Kim fi Daayirektara Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF)  Ms Kiristiin Laagaard waliin Washington DC keessatti marii gaggeessee jira. Hooggantoonni dhaabbiilee lamaanuu jijjiirama Itoophiyaa keessatti dhufaa jiru kan deeggaran tahuu beeksisan.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button