header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Laa’os keessatti hidhaan lagaa cabee balaan guddaan mudate.

Kibba Laa’os keessatti wixata dabre hidhi lagaa elektrikii maddisiisu cabuun, naannoolee biyyattii  hidha kanaa gaditti argaman keessatti lolaa hamaa uume. Galaanaa uumame kanaan lafti qonnaa  fi gandoonni heddu guutumatti kan liqimfaman yoo tahu, waraanni biyyattii ummata kana baraaruuf  carraaqqii kan godhaa jiru tahuu gabaasne arganne ni mul’isa.

Mootummaan Laa’os ibsa guyyaa hardhaa baaseen, “bishaan hir’ataa dhufe hordofuun dhoqqee uumameen akkasumas rooba gannaatiin walqabatee, namoota baraaruuf imalli bidiruudhaan godhamu rakkisaa ta’ee jira”jedhe. Mootummaan biyyattii akka jedhutti hanga ammaatti reeffi namoota 29 kan argame  yoo tahu, namoonni 1100 ol tahan ammoo achi buuteen isaanii dhabamuu beeksise.

Lolaa kanaan biyya ollaa Laa’os kan taate Kaamboodiyaa keessattis namoonni kumaatamaan lakkaahaman qeyee isaanii irraa baqatanii jiru. Haata’u malee Kaamboodiyaa keessatti  lubbuu namaa irratti balaan dhaqqabe kan hin jirre tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

Sababni balaa kanaa kan hin ibsamin tahus, qondaaltonni Laa’os tokko tokko sababni balaa kanaa qulqullina  ijaarsa hidhaa waliin kan walqabate tahu mala jechuu isaanii gabaasni Aljaziiraa ni addeessa.

 

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button