header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Filannoo Zimbaabwetti geggeefame hordofuun walitti bu’iinsa uumameen lubbuun namaa dabre

Filannoo Zimbaabwetti geggeefameen paartiin biyya bulchaa jiru  Zanu-PF jedhamu injifatuun eega himamee booda biyyattiin soda hamaa keessa galtee jirti. Deeggartoonni paartii mormituu MDC  Alliance jedhamuu adeemsaa fi bu’aa filannoo mormuudhaan guyyaa kaleessaa koomishinii filannoo biyyatti fuulduratti mormii dhageessisaa oolan. Haaluma walfakkaatuun mormiin kun guutuu magaala Haraaree keessatti kan babal’ate yoo tahu, loltoonni mootummaa mormitoota irratti dhukaasa bananiin yoo xiqqaate lubbuun namoota 3 kan galaafatan tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

Komishiniin Filannoo Zimbaabwee akka jedhutti Paartiin prezdaant Emarsan Minangagwa Zanu-PF teessuma 145 yemmuu argatu MDC Alliance ammoo teessuma 60 argate. Prezdaant Emarsan Minangagwa filannoo ammaatin dura preezdaantii duraanii waggoota dheeraaf biyyattii bulchaa ture Roobart Mugaabee buusuudhaan taayitaa qabachuun isaa ni yaadatama.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button