OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Deeggartoonni prezdaantii Naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaa keessatti jeequmsa hamaa kaasan

Magaalaan Jigjigaa jeequmsa hamaa keessa jirti. Deeggartoonni Prezdaantichaa fi waraanni Liyyuu poolisii lubbuu fi qabeenya Saboota biroo irratti haleellaa raawwataa jiran. Waraanni Makkalaakayaa masaraa mootummaa naannichaa fi dhaabbilee biroo kan too’ate tahus magaalattii guutumatti too’achuu kan hin danda’in tahuun beekameera. Yeroo ammaa kana Makkalaakayaan loltoota dabalataa helikoptaraan gara Jigjigaa kan galchaa jiru tahuu gabaasni arganne ni addeessa.