header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Sagantaan Da’awaa guddaan Aanaa Zuwaay Dugdaa magaalaa Haburaa keessatti geggeeffamaa jira

Godina Arsii aanaa Zuwaay Dugdaa magaalaa Haburaa keessatti sagantaan Da’awaa guddaan guyyaa lamaaf turu geggeeffama jira. Sagantaan kun guyyaa har’aa kan jalqabame yoo tahu, Alhada boruutis kan itti fufu tahuun beekameera.

Magaalaan Haburaa akka naannoo Oromiyaatti magaalaa yeroo jalqabaatiif sochiin Ahbaashotaa keessatti jalqabame yoo tahu, sochiin ahbaashotaa kun hanga ammatis magaalattii keessatti ni mul’ata. Kaayyoon guddaan sagantaa kanaatis Markaza guddaa Ahlu Sunnaa Wal Jama’aa magaalaa kana keessatti hundeessuuf tahuu qindeessitoota sagantaa irra hubatuun danda’ameera.

Sagantaa kana Masjiidonni 5 kan aanicha keessa jiran gamtaan kan qopheessan yoo tahu, Ulamaa’onni fi Ustaazonni iddoo adda addaa irraa argamuun hawaasa Muslimaaf dhaamsa dabarsaanii jiru. Ulamaa’ota fi Ustaazota sagantaa kana irratti argaman jidduu:

  • Sheikh Abdulmannaan Roobee Diida’aa irraa
  • Sheikh Abdallaah
  • Sheikh Tamaam Shaashamannee irraa
  • Sheikh Abdulmannaan Sagure irraa
  • Sheikh Daawud Itiyya irraa
  • Sheikh Juneydi Habee Diida’a Irraa
  • Sheikh Hasan agaree irraa
  • Sheikh Shamil Sirka irraa
  • Ustaaz Xaalibu Ridallaah
  • Abdallaa Idriis
  • Ustaaz Abdulnaasir fi
  • Sheikh Aadam Hasan Shashamannee irraa tahuun beekameera.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button