Jilli Jawaar Muhammadiin durfamu Ganama kana Finfinnee buufata Xayyaara Boolee yemmuu seenu qondaaltota mootummaa dabalatee namoonni heddu simatanii jiru. Jawaar Muhammad turtii biyya alaa waggoota 15 booda gara biyyaatti deebi’e. Alhada har’aa waaree booda eebbi Oromiyaa Miidiyaa Neetwoork galma barkumee keessatti ni raawwatama. Sagantaa kana irratti namoonni 25,000 ni hirmaatu jedhamee eeggama.
Obbo Jawaar gara biyyaatti galuu isaa ilaalchisee dhiheenya kana BBC’f akka himetti, sagantaan galma barkumee namoonni kuma 25 irratti argamu jedhamee eeggamu irraatti ergaa gurguddaa lama dabarsina jedhe.
Obbo Jawaar akka jedhetti “Jalqabarratti qabsoo hanga yoonaatti godhame irratti warra wareegame yaadachuudhaafi, gama biraatiin ammoo dargaggeessa kana dimokiraasii ijaaruu irratti akka hirmaatu ergaa dabarsuufi” Jedhe
.
OMN cimsuun alatti, gaazexaa afaan adda addaatiin maxxanfamuu fi raadiyoo eegaluuf qophii irra jiraachuus himeera.
Baruumsi madda qaroominaati. Biyya jijjiiruu keessatti gumaatni inni qabu guddaadha. Nama barateetu waa adda baafatee…
Qaamni ilma namaa hundi dalagaa uumameef qaba. Akkasuma qaamni hundi eega sa’aa dheeraaf dalagee booda…
Ilmi namaa seera uumamaa dhiisee seera ofii baaseen eega of bulchuu jalqabee booda nageenyi addunyaa…
Uumama Rabbiin keenya uume lakkoofne fixuu hin dandeenyu. Wanti hundi bifa fi sanyii garagaraa qaba.…
Ulaagaan bareedinni ittiin madaalamu seenaa addunyaa tanaa keessatti garaagarummaa qaba. Wanti waggoota 500 dura akka…