AfrikaaOdeeyfannoo
Manni Murtii Ol’aanaa Keeniyaa Injifannoo Prezdaant Uhuuruu Keeniyaataa Raggaasise
Filannoo Prezdaantii Keeniyaa October 26 irraa deebiin geggeeffamee ture, Uhuruu Keenyaataa injifatuu Komishiiniin Filannoo biyyattii labsee ture. Haata’u malee paartiin mormituu biyyattii qabxii filannoo sanii mormuudhaan yeroo lammaffatiif komii mana murtii ol’aanaa biyyattiitti dhiheeffate.
Guyyaa hardhaa manni murtii ol’aanaa Keeniyaa Komii Paartiin mormituu, NASA irraa dhiyaate eega ilaalee booda, filannoo prezdaantummaa irra deebiin geggeeffamee ture, injifannoo Uhuuruu Keeniyaataa kan Komishiiniin Filannoo labse raggaasisee jira. Prezdaant Uhuuru Keeniyaataa torbaan dhufu keessa ifatti sirna kakuu ni raawwata jedhamee eeggama.