Odeeyfannoo
Paartiin Zimbaabwee Bulchaa Jiru Robart Mugaabee Hooggansa Irraa Buuse
Paartiin Zaanu-PF jedhamu kan Prezdaant Robert Mugaabeen hoogganamaa ture, Prezedaantichaa taayitaa irraa busuunn, itti aanaa Prezedaantii kan ture Emerson Mnangawa kan muude tahuu gabaasni BBC irraa argame ni mul’isa.
prezedaant Mugaabeen taayitaa isaa haadha manaa isaatti dabarsuuf jecha,Emerson Mnangawa torbaan lama dura taayitaa irraa ari’ee kan ture tahuun ni yaadatama. Kanuuma hordofuun waraanni biyyattii Robert Mugaabee too’annaa jala oolchuun taayitaa akka gad lakkisuuf gaafachaa ture. Guyyaa kaleessaa ammoo lammiileen Zimbaabwee kuma hedduun lakkaawaman daandii irratti bahuudhaan Mugaabeen taayitaa isaa akka gad lakkisu gaafachaa oolan.