header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Israa’el haleellaa Gaazaa keessatti raawwatteen namoota 3 ajjeefte

Haleellaa waraanni Mootummaa Israa’el halkan edaa raawwateen; dubartii ulfaa daa’ima ji’a 18 harkaa qabdu dabalatee, lammiilen falasxiin 3 ajjeefamuu isaanii dubbi himaan Ministeera Fayyaa Gaazaa, Ashraf al Qidraa beeksise. Dabalataan abbaa warraa dubartii ajjeefamtee dabalatee namoonni 12 madaayuun isaaniitis beekameera.

 

 

Ka’uumsi rakkoo ammaa, waraanni mootummaa Israa’el halleellaa miseensota Hamaas irratti rawwatuu isaa akka ta’e gabaafamutti jira. Guyyaa Roobii mootummaan Israa’el Kaampii waraanaa Hamaas haleeluun miseensota Hamaas 2 kan umriin isaanii 23 ta’u ajjeesuu isaa hordofee, Hamaas rokkeeta gara Israa’el dhukaasuu jalqabe. Akka mootummaan Israa’el jedhutti; Rokkeetni 150 ta’u gara Israa’el dhukaafameera. Kana keessaa 25 kan ta’u Misaa’el rokkeeta qolachuu danda’uun fashaleeffamuu isaa waraanni Israa’el beeksiseera. Kanneen hafan hedduminaan dirree qullaa kan haleelan ta’uu kan ibse waraanni Israa’el, ta’us lammiileen Israa’el 6 haleellaa rookkettaa kanaan miidhamuu isaanii beeksise. Kana booda Waraanni Israa’el yeroo 140 ol haleellaa garagaraa raawwachuu isaa hime.

https://youtu.be/gy592brEC9g?t=127

 

Hamaas haleellaa dabalataa Israa’el irratti raawwachuuf dhaadatuu isaa hordofee, waraanni israa’el marii ariifachiisaa jalqabuun isaa beekkameera. Akkasumas lammiilee falasxiin daangaa Israa’elii fi gaazaa irratti argaman bakka biroo qubsiisuuf yaada akka jiranis himameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button