header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Markazni Daarul Aytam kan Mana Barumasa Awwaliyaa jalatti argamu hawaasa muslimaatiif deebifamee keenname

Markazni Daarul Aytam Mana Baruumsa Awwaliyaa jalaatti kan argamu yoo tahu, ijoollee Yatiimotaa ufitti fudhatee barsiisaa ture. Haata’u malee Markazni Daarul Aytam waggoota sadan darban garee Ahbaashotaatiin dhuunfatamee Aqiidaa isaanii qofa keessatti leenjiisaa kan turan yoo tahu, guyyaa kaleessaa Ahbaashoota irraa fuudhamee hawaasa muslimaatiif kan deebifame tahuun beekameera.

 

Gaaffii hawaasni muslimaa waggaa 6 dura kaase jidduu manni barumsaa Awwaliyaa bordii hawaasa muslimaa jalatti akka bulu kan jedhu yoo tahu, mootummaan Ahbaashota biyya alaatii fiduun harka isaaniitti kan galche tahuun ni yaadatama. Haata’uu malee jijjiirama dhiheenya biyyaatti keessatti muldhataa jiru hordofuun, Markazni iddoo jireenyaa fi barnoota Yaatimoota tahe kun Ahbaashota harkaa bahuun beekameera.

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button