header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Chaayinaan Muslimoota miiliyoona tokko ol tahan manneen hidhaa dhoksaa keessatti kan uggurte tahuu UN beeksise.

Qondaalli ol’aanaan dhaabbatichaa tun akka jetteti, Mootummaan Chaayinaa Muslimoota Saba Wiigar akka diina biyyaatitti lakkaaha. Dhaabbata Mootummoota gamtoomaniitti hooggantuun itti aantuu ejensii farra loogii sanyummaa kan taate Miss Gay McDougall magaalaa Jenevaa keessatti Jum’aa kaleessaa ibsa kenniteen, Kutaa biyyatti Ziinjiyaang jedhamu keessatti mootummaan Chaayinaa Muslimoota Saba Wiigar manneen hidhaa dhoksaa keessatti ugguree kan dararaa jiru tahuu odeeyfannoo gahaa qabna jette.

 

Manneen hidhaa kunniin moggaasa wiirtuulee barnoota farra Shorokeessummaa jedhu kan qaban yoo tahu, Muslimoonni biyyattii wiirtuulee kanneen keessatti ugguraman mirgi isaanii hundi kan sarbamu tahuu gabaasni kun ni ibsa. Muslimoonni manneen hidha kanneen keessatti ugguraman Salamaata Islaamummaa walgaafachuu, nyaata halaalaa nyaachuu, Areeda guddisuu fi hijaaba uffatuu isaaniitiin tahuu gabaasichi ni ibsa. Barattoonni saba Wiigar 100 tahan biyyoota muslimaa kanneen akka Masrii fi Turkiyaa keessatti baratanii gara Chaayinaa deebi’an yeroo ammaa manneen hidhaa kanneen keessatti dararaa hamaa irra gahaa jiruun kanneen du’an jiraachuu gabaasichi ni addeessa.

Muslimoota biyyattii miiliyoona tokkoo ol yeroo ammaa Kaampiilee kanneen keessatti ugguramaniin alattis, kanaan dura muslimoonni miiliyoona lama tahan dirqiidhaan manneen hidhaa kanneen keessatti eega dararamanii booda kan lakkifaman tahuu beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button