header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Obbo Ahmad Shidee Dura Taa’aa Paartii Dimokiraatawaa Ummata Somaalee Itoophiyaa ta’uun filatame

Koreen giddu galeessa Paartii Dimokiraatawaa Ummata Somaalee Ityoophiyaa guyyoota sadan darbanitti rakkoo naannicha keessatti muudate irratti marii geggeessaa ture xumuruun, Obbo Ahmad Shidee hogganaa paartichaa akkka tahuuf filate. Obbo Ahmad Shidee yeroo ammaa Ministeera Dhimmoota Kominikeeshiinii Mootummaa Federaalaa tahee hojjata kan jiru tahuun ni beekama.

 

Hogganaan Paartichaa duraanii Obbo Abdi Muhammad Umar rakkoo nannicha keessatti uumameen walqabatee too’annaa mootummaa Federaalaa jalatti argama. Paartichi ibsa baaseen naannicha tasgabeessuf cimee kan hojjatu tahuu beeksise.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button