header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ityoophiyaan loltoota isii daangaa Eertiraa irraa kaasaa jirti

Itoophiyaan loltoota isii waggaa 20 oliif daangaa Eertiraa irra turan kan baasaa jirtu tahuu BBC gabaase. Loltoonni lokkoofsaan heddu ta’an guyyaa hardhaa daangaa biyyoota lamaanii iddoo Shiraaroo jedhamu irraa konkolaataa 70 fe’amanii, gara jiddu gala biyyaatti kan socho’aa jiran tahuu jiraattoonni naannichaa BBC’tti himan.

 

Bulchaan godina Kaaba Dhiha Tigraay Obbo Taklaay Gabramadhiin akka jedhetti, loltoonni socho’aa jiran isaan adda durummaan daangaa irra jiran osoo hintaane kanneen duubaan gargaarsa kennaa turan tahuu hime.

 

Lolli Ityoophiyaa fi Eertiraa jiddutti May/1998 hanga June/2000tti gaggeefame lubbuu nama kuma 80 ol galaafate. Waldhabbiin waggaa 20 ol biyyoota lamaan jidduu ture, ji’a dabre keessa waliigaltee nagaha mallatteessuun kan xumuran tahuun ni yaadatama.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button