header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Pirezadaantiin Lubnaan Mootummaan Sa’udii haala Sa’aad Hariirii itti uggurame ilaalchisee ibsa akka kennuuf gaafate

Pirezadaantiin Lubnaan, Muummichi ministeeraa Sa’aad Hariirii gara biyya isaa akka hindeebine maaliif akka dhoorkame, ibsa guutuu Sa’udiin akka kennituuf Sabtii hardhaa kan gaafate tahuu gabaasni Rooytersi irraa argame ni mul’isa.

Pirezadaant Mika’eel Awun waamicha Sa’udii godheen ,”Lubnaan Muummichi ministeera isii haala seera addunyaatiin faallaa ta’ee fi seera walitti dhufeenya biyyoota lamaa haala cabse keessa jiraachuu isaa hinfudhattu”jechuun dubbate.

Mootummaan Lubnaan Muummicha ministeeraa Sa’aad Hariirii “fedhii isaatiin alatti Sa’udiin uggurte” jedhee kan amanu tahuu gabaasni kun ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button