header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Imraan Kahan Muummicha ministeera Paakistaan tahuun filatame

Filannoo Paakistaanitti dhuma ji’a darbe geggeefameen paartiin Imraan Kahan hoogganu barcumaa paarlaamaa heddu kan moo’ate yoo tahu, Kanuma hordofuun Jum’aa hardhaa paarlaamaan biyyattii Imraan Kahan muummicha ministeeraa godhuun filate. Haaluma kanaan Mr Kahan Sabtii boruu taayitaa isaa ifatti fudhatuun, guyyoota itti aananitti Kaabinee ijaaruun mootummaa biyyattii kan hoogganu tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

 

Filannoo har’aa kanaan Imraan Kahan sagalee miseensota paarlaamaa 176 kan argate yoo tahu, hoogganaan paartii Pakistan Muslim League-Nawaz Shehbaz Shariif ammoo sagalee 96 kan argate tahuun beekameera. Shehbaz Sharif obboleessi isaa Nawaaz Shariif taayitaa irraa eega bu’ee booda waggaa tokkoof muummicha ministeeraa tahuun mootummaa Paakistaan hoogganaa ture.

 

Imraan Kahan taphata garee Kirikeetii biyyoolessa Paakistaan ture. Waggaa 22 dura Ispoortii irraa soorama eega bahee booda, paartii Pakistan Tehreek-e-Insaf (PTI) jedhamu hundeessuun fuula isaa gara siyaasaatti deebisa. Imraan malaamaltummaa mootummaan Paakistaan raawwatu irratti xiyyeeffatuun duula cimaa geggeessuun beekama.

 

Haaluma kanaan waggaa lama dura dooseen qorannoo Panama Papers jedhamu, muummichi ministeera Paakistaan kan duraanii Nawaaz Shariif dhoksaadhaan biyyoota biroo keessatti qabeenya horachuu isaa eega saaxilee booda, Nawaaz Shaariif taayitaa akka gad lakkisuuf Imraan Kahan duulaa cimaa geggeessaa turuun isaa ni beekama. Haaluma Kanaan Mr Sharif July 28/2017 taayitaa irraa kan buufame yoo tahu, baatii tokkoo dura ammoo himannaa malaamaltummaa irratti banameen hidhaan waggaa 10 irratti murtaayuun mana hidhaa seene.

Imaran Kahan

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button