header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Sa’udii lammiileen isaa gara Lubnaan akka hin imalle akeekkachiise

Mootummaan Sa’udii lammiileen isaa gara Lubnaan akka hin imalle fi kan achi keessatti argamanis ariitiin biyyattii lakkisanii akka bahan akeekkachiise.

Ejensiin odeeyfannoo Sa’udii Ministeera hajaa alaa Sa’udii waabeeffachuun” Hala yeroo ammaa Lubnaan keessa jiru hordofuun lammiileen isaa daw’annaaf garasitti imalan yokaan immoo Lubnaan  keessa jiraatan hatattamaan akka lakkisanii bahan akeekkachiise” jechuun gabaase.

Eega muummichi Ministeera Lubnaan Sa’aad Hariiri daaw’annaaf gara Riyaad imaleefi achi irraa taayitaa isaa gad lakkisuu beeksiseen booda, biyyoonni lamaan waldhabdee siyaasaa cimaa keessa galaniiru.

Mootummaan Sa’udii Sababa gareen Hizbollah Iiraan waliin Yaman irraa waraana nurratti baneef, kana booda Lubnaan akka biyya diinaatti ilaalla yoo jedhu, mootummaan Lubnaan ammoo muummichi ministeera biyya isii fedhii isaatiin alatti Sa’udii akka hin baane taasifame jechuun himatti.

Comment

Back to top button