header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Waraanni Isra’eel Lammiilee Falisxiin lama ajjeessuun 40 ol madeesse

Dubbi himaan Ministeera Fayyaa Falisxiin, Loltoonni Isra’eel, haleellaa baha Gaazaa keessatti juma’aa har’aa rawwataniin lammiilee Falisxiin lama ajjeessuu fi nama 40 ol madeessuu ibse.

Dubbi himaan ministeera Fayyaa Ashraf Al Qidraa, namoota ajjeefaman lamaan jidduu dargaggeessi umrii 30 Kariim Abuu Faxiir jedhamu naannawa Kaampii Albureejjii jedhamutti kan ajjeefame tahuu fi lammileen Falisxiin 40 ol immoo haleellaa gazii ija nama gubuutiin miidhaman jedhe.
Mormii lafa ofii deebifatuu jedhuun March 30 irraa kaase jalqabameen, hanga ammaatti Loltoota Isra’eeliin Falisxiinonni 162 ol ajjeefamuu fi kanneen kumaatamaan lakkaa’aman immoo madaa’uu gabaasni ministeera Fayyaa Falasxiin irraa bahe ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button