OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muummichi Ministeeraa haala yeroo irratti ibsa kenne

Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad sirna eebba qondaaltota waraanaa guyyaa har’aa kolleejjii Raayyaa ittisaatti  geggeeffame irratti kan argame yoo ta’u, rakkoo nageenyaa naannolee biyyattii adda addaa keessatti mul’ataa jiru ilaalchisee ibsa kennee jira.

Dr Abiy Ahmad ibsa kana irratti :

“Haa ida’amnu, dhiifama waliif goonee tokko haa taanu, seerri haa kabajamu yoo jennu, biyyattii keessatti shiftaa fi saamtonni  haa heddummaatan jechuu akka hin tahin hubatamuu qaba”jedhe. Dr Abiy gochi seeraan alaa kutaa biyyattii adda addaa keessatti muldhataa jiru akka dhaabatu akeekkachiise jira.

 

Kolleejjiin Raayyaa ittisa biyyaa hooggantoota waraanaa  marsaa 11 fi 12ffaaf leenjisaa ture eebbisiise.

 

 

Comment

Related Articles

Back to top button