header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Jiraattonni Godina Harargee Lixaa Magaalaa Ciroo keessatti mormii geggeessan

Jiraattonni aanaalee godinichaa 14 irra waliitti dhufan Sabtii kaleessaa magaalaa guddoo godinichaa Ciroo keessatti, aangooo irraa kaafamuu  bulchaa fi itti aanaa bulchaa godinaa mormuun hiriiraan kan ibsatan tahuu namni achirraa dubbisne nuuf hime.

 

Akka namni kun jedhetti

“Bulchaan  godinaa Obbo Taklee Dheeresssaa fi Itti aanaa bulchaa Obbo Saabit Xaahir akka aangoo irraa ka’aniif guyyaa sadi dura xalayaan Oromiyaa irraa dhufe. Sababa kanaan hooggantoonni lamaan kunniin  haqa irratti hundaa’uun namoota ummata tajaajilaa turan waan tahaniif,  ummanni aanaalee godinichaa 15 irraa dhufuun mormii dhageessisaa oole “jedhe.

 

Guyyaa lama dura namoonni lama Oromiyaa irraa ramadamanii dhufanii turan, jiraattonni magaalaa Ciroo hiriira bahanii mormuu isaaniitiin namoonni ramadamanii dhufan gara Finfinnee kan deebi’an tahuu  odeeffannoon nu gahe ni mul’isa.

 

Kanuma hordofuun  Waajjira gidduu galeessa OPDOtti hoogganaan damee ijaarsaa fi Siyaasa baadiyyaa obbo Addisuu Araggaa guyyaa lama dura itti gaafatamaa bulchiinsa godina Harargee Lixaa obbo Taklee Dheeressaa fi itti aanaan isaa obbo Saabit Xaahir sadarkaa hooggansa naannoo Oromiyaatti kan ramadaman tahuu karaa fuula feesbuukii isaatiin beeksiise. Dabalataanis  jijjiirama hooggansa kanaa sababeefachuun hiriirri hin barbaachisnee fi gochi seeraan alaa namoota muraasaan magaalaa Ciroo keessaatti mul’ate jechuun dubbate.

 

Guyyaa kaleessaa immoo ibsa Obbo Addisuu kana  hordofuun aanaalee godinichaa hedduu irraa ummanni waliitti dhufuun kan hiriira mormii geggeessan tahuus jiraataan hiriira kana irratti hirmaate magaalaa Ciroo irraa nuuf hime.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button