OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Itiyoo-Telekoom gatii tajaajilawwan kennuu hir’isuu beeksise
Dhaabbatichi ibsa miidiyaalee kenneen, tajaajila intarneetii daataa mobaayilii irratti gatii tajaajilaa dhibbeentaa 43, kan intarneetii biroodbaandii irratti ammoo dhibbeentaa 54n kan hir’ise tahuu beeksise. Akkasumas gatii tajaajila bilbila sagalee dhibbeentaa 40n akka hir’isee fi ergaa barreeffamaa gabaabaa ammoo dhibbeentaa 43n kan hir’ise tahuu ibse.
Sirreeffamni gatii kun har’a irraa eegalee hojii irra kan oolu akka tahee fi galmeen bilbila mobaayilii bara darbe jalqabamee tures har’aa irraa eegalee dhaabbatuu isaas hojii raawwachiiftuun Itiyoo-telekoom Aadde Firehiywoot Taammiruu beeksisfte. Itiyoo-telekoom “hannaa fi daldala seeraan alaa ittisuuf”sababa jedhuun bara darbe galmee bilbila harkaa kan eegale tahuun ni yaadatama.