header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Godina Qeellam Wallaggaati waraana mootummaa fi Waraana ABO jiddutti walitti bu’iinsi uumame

Walitti bu’iinsi kun kan uumame aanaa Jimmaa Horrootti guyyaa Arba’aa yoo tahu, ka’umsi immoo Qeerroon aanicha keessa jiran waldhabbii jidduu isaaniitti kahe hordofuun garee lamaatti walqoodan. Waraanni adda bilisummaa Oromoo garee tokko keessa namoota sadii fuudhee adabuu isaatiin, gareen reebame mootummatti iyyannoo dhiheeffatuu isaatiin akka tahe, jiraataan Naannawa irraa dubbisne nuuf hime.

Akka jiraatan kun jedhutti waliitti bu’iinsa kanaanis Waraanaa Adda Bilisumaa Oromoo irraa namni tokko ajjeefamuu fi poolisoota Oromiyaa irraa immoo isaan 3 mada’aanii wal’aanama jiruu jedhe.

Odeeyfannoo kana mirkaneessuuf miseensa waraana Adda Bilisumaa Oromoo iddoo san jiru bilbilaan kan qunnamne yoo tahu, Inni immoo walitti bu’iinsi kan kahe poolisii Oromiyaa waliin osoo hin taane waraana Makkalaakayaa waliin tahuu fi namni tokko kan miseensa isaanii akka ajjeefame akkasumas gama waraana Makkalakayaa irraa immoo namni hedduun midhamuu nuuf hime.

Torbee darbe keessa Waajjira jiddu galeessa DH.D.U.Oti hoogganaan daamee ijaarsaa fi Siyaasaa baadiyyaa obbo Addisuu Araggaa fi dubbii himaan ABO obbo Toleeraa Adabaa ibsa midiyaaleef kennan irratti, dubbii himaan ABO sochiilee seeraan alaa taasifaman hunda dhaabnu isaanii kan hin deeggarre tahuu ibse.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button