header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Turkiyaan biyyoota ollaa isii keessatti nageenyi akka bu’u kan deeggartu tahuu beeksifte

Prezdaant Rajab Xayyib Erdogaan kutaa Kibba Baha Turkiyaa Mus jedhamu keessatti haasawa godheen, biyyi isaa Suuriyaa fi Iraaq keessatti nageenyi amansiisaa tahe akka bu’u deeggarsa barbaachisu hunda kan gootu tahuu hime. Prezdaant Erdogaan akka jedhetti, “daangaa Turkiyaan biyyoota lamaan waliin qabdu irratti humnoonni shororkeessitootaa hin maandheffatan”jedhe.

 

Erdogaan haasaya isaa kanaan “Yeroo ammaa Suuriyaa keessatti naannoon nagayaa fi Tasgabbii qabu naannoo daangaa keenya irra jiru. In Shaa Allaah, nageenyi naannawa kana keessatti  uumame akka guutuu Suuriyaa keessatti babal’atu ni hojjanna. Haaluma wal fakkaatuun Iraaq keessattis nageenyi akka bu’u humnoota shororkeessitoota daangaa biyyoota lamaanii keessaa ni qulqulleessina”jedhe.

 

Prezdant Erdogaan daba diinagdee Ameerikaan Turkiyaa irratti xaxaa jirtu ilaalchiseee yaada kenneen, “daba diinagdee Turkiyaa irratti raawwatamaa jiru Sababni isaa dhimma amma uumamee miti, shira akkanaa Turkiyaa irratti raawwachuuf yaaluun kun seenaa bara dheeraa dura jalqabame”jechuun ibse. Erdogaan yaada isaa itti fufuudhaan, “Anaatooliyaan gidaara yookaan dhaaba  addunyaati, gidaarri kun yoo jige, biyyoonni Baha Jiddu galeessaa, Afrikaa, Eshiyaa jiddu galaa fi dachiin Baalkaan fi Kawukasas jiraachuu hin dandayu”jechuun akeekkachiise.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button