header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Dhaabbanni Gamtaa Biyyota Islaamaa Karoora Isra’eel manneen seeraan alaa lafa Falasxiinotaa irratti ijaaruuf baaste balaleffate

Torbee darbe keessa mootummaan Isra’eel manneen jireenyaa haarawa 2,100 lafa Falasxiinotaa irratti ijaaruuf murteesse. Dhaabbanni Gamtaa Biyyoota Islaamaa immoo, “Poolisiin qubsuma babaldhifatuu Isra’eel, seera Addunyaa kan cabse , akkasumas kan murtii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii tarkaanfate fi kan Ummata Falasxiin miidhu”jechuun balaalefate. Dhaabbileen addunyaa immoo poolisii Isra’eel kan nageenya biyyoota lamaanii booressu kana dhaabsisuuf tarkaanfii murteessaa akka fudhatanis gaafate.

Gabaasni Mootummaa Falasxiin irraa bahe akka mul’isutti qubattoonni Yahuuda 700,000 ol mootummaa Isra’eeliin karaa seeraa alaatiin dachii Falasxiin irratti kan qubsiifaman tahuu mul’isa.

Seerri Addunyaa ijaarsi baha Al-QUDSI dabalatee naannawa West Bankitti lafa babaldhifatuuf godhamu hundi seeraan ala tahuu ibsa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button