header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Waraanni Liyyuu Poolisii Naannoo Somaalee aanaa Cinaaqsan keessatti haleellaa raawwateen nama 5 madeesse.

Guyyaa har’aa August 27/2018 araddaalee aanaa Cinaaqsan Zoonnii Makkaniisaa jalatti argaman keessatti, waraanni liyyuu poolisii naannoo Somaalee haleellaa raawwaatun namoonni 5 mada’uu maddeen gabaasan. Namoota madaa’an jidduu 4 gara Hospitaala Hararitti kan dabarfaman tahuu jiraataan naannichaa bilbilaan dubbisne nuuf hime.

Akka jiraataan kun nuuf himetti ” Waraanni Liyyuu pooliisii kun Araddaalee aanichaa 4 keessatti weerara raawwachuun, Araddaa Zoonii Makkaniisaa irraa namni 5 miidhamee gara Hospitaalaa dabarfamuu, akkasumas araddaalee hafan irra miidhaan gahe hin jiru, namoonni miidhaman kunniin immoo ummata nagayaati”jedhe.

Namoonni Haleellaa har’aatiin madaa’anii gara magaalaa Harar hospitaala Caffeetti dabarfaman
1. Yuusuf Tukkaalee
2. Sahan Muhammad Aadam
3. Muhammed Moosee fi
4.Niiman Abdii Liiban yoo tahan
Namni Abdii Shirdoon jedhamu immoo buufata fayyaa aanaa Cinaaqsanitti yaalamaa jiraatu odeeyfannoon ni addeessa.

Odeeyfannoo biraatiin ammoo, guyyaa kaleessaa mannii marii bulchiinsa naannoo Somaalee prezdaantii naannichaa duraanii dabalatee namoota 8 mirga himatamuu dhabuu kan irraa kaase yoo tahu, guyyaa hardhaa ammoo poolisiin Federaalaa obboo Abdii Illee mana jireenyaa isaa magaalaa Finfinnee keessaa too’annoo jala oolchuu ibse. Obbo Abdiin torbaan lama dura Jigjigaa irraa gara Finfinnee geeffamuun naannawa mana isaatti humnoota poolisii feederaalaatiin dhiheenyatti to’annaa jala kan ture tahuu gabaasaaleen arganne ni mul’isu.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button